Fana: At a Speed of Life!

Daandiin milkaa’iinaa qormaataan kan guutame ta’uu hubachuun gatii fi wareegama barbaachisu hunda kaffaluun nageenya Ityoophiyaa ni mirkaneessina – Preezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) –Lammiilee nagaa ajjeesuun gochaa moo’atamtootaati jedhan Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Naannoo Oromiyaatti nageenya mirkaneessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Preezidaanti Shimallis, oppireeshinii qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannoo gaggeessa jiran dandamachuu dadhabuun gareen shororkeessitootaa bittinaa’uu eeraniiru.

Garichi moo’atamuu isaa golguuf haleellaa garaa jabinaa lammiilee nagaarratti raawwachuu kaasaniiru.

Qaamolee gochaa kana raawwatan duguugnee baleessuun kan danda’amu waloon yoo dhaabbanne qofa jechuun ibsaniiru.

Gochaa raawwatameen osoon nahiin wal utubnee dhaabbachuu qaban jedhaniiru.

Ityoophiyaan qormaata kamiiyyuu dandamachuun akka biyyatti ni dhaabbatti jedhan.

Daandiin milkaa’iinaa qormaataan kan guutame ta’uu hubachuun gatii fi wareegama barbaachisu hunda kaffaluun nageenya Ityoophiyaa ni mirkaneessina jechuu isaanii Waaltaan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.