Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa Bahaa walitti bu’iinsa Riippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoorratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa Bahaa walitti bu’iinsa Mootummaa Riippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi finciltootta gidduutti uumameef furmaata barbaachuuf Keeniyaatti mari’achaa jiraachuu gabaafameera.

Maricharratti hoggantoonni Keeniyaa, Riippaabiliika Diimookiraatawaa Koongoo, Ruwaandaa, Burundii fi Yuugaandaa hirmaachaa jiraachuu “The East Africa”n gabaaseera.

Riippaabiliikni Dimookiraatawaa Koongoo garee finciltootaarra harka qabdeetti jechuun Ruwaandaa yakkaa kan jirtu yoo ta’u, Ruwaandaan gamasheen irra deddeebiin haalaa turteerti.

Biyyattiitti nageenya mirkaneessuuf Humni Hawaasa Naannawaa Afrikaa Bahaa biyyattii keessaa akka qubatuuf Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan gaaffii dhiyeessanii turan.

Dhimmicharratti Rippaabiliikni Dimookraatawaa Koongoo humni kabachiisa nageenyaa Ruwaandaa akka hirmaatuu kan hin barbaanne ta’uu ibsitee turte.

Mariin qopheessummaa keeniyaan gaggeeffamaa jiru kun mootummaan Rippaabiliika Diimookiraatawaa Koongoo fi finciltoonni walitti dhiyeenyaan akka mari’ataniif haala kan mijeessu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.