Fana: At a Speed of Life!

Kontiroobaandiin dhimmoota hawaasummaa fi nageenyaarratti rakkoo uumaa jira- Obbo Muusxafee Mahaammad

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Daldalli Kontiroobaandii dhiibbaa diinagdeerraan ga’u dabalataan dhimmoota hawaasummaa fi nageenyaarratti rakkoo uumaa jiraachuu Preezdaantiin naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Mahaammad ibsan.

Daldalli seeraan alaa fi kontiroobaandiin miidhaa diinagdee biyyaarraan ga’u dabalataan hojiilee nageenya kabachiisuurratti gufuu ta’aa jiraachuu eeruun, dhaabbileen haqaa fi nageenyaa federaalaa fi naannolee waggoottan darban caalaatti hojiilee ittisaarratti hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Kutaalee baha biyyattiitti kontiroobaandii ittisuuf tattaaffiin taasifamu jijjiirramaan asitti fooyya’iinsa agarsiisaa haa jiraataniyyuu malee hanga barbaadame ittisuun dadhabamuu kaasuun, hojii hubannoo uumuu cinaatti hojiileen seera kabachiisuu bifa sosochiin hojjetamuu akka qaban ibsaniiru.

Waltajjiin farra kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuu magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Gabramasqal Caalaa, Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalaa Qaabataa fi hoggantoonni damee haqaa fi nageenyaa argamaniiru.

Goohi Nigustu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.