Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Giifti Duree Naannoo Sidaamaatti manni barnootaa ijaarsise eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Waajjirri Giifti Duree Naannoo Sidaamaa Aanaa Hakkootti mana barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaarsise xumuramuun eebbifameera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Naannoo Kibbaa fi Sidaamaatti hojiilee misoomaa hojjetaman daawwachaa kan jiran yoo ta’u, Naannoo Sidaamaatti ijaaramee kan xumurame mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Odii Bokkuu eebbisaniiru.

Manni barnootichaa galii gurgurtaa kitaabaa Muummee Ministiraarraa argameen Waajjira Giifti Dureen kan ijaarameedha.

Manni barnootichaa bakka Muummeen Minisitiraa Abiy Ahimadii fi Gifti Duree Zinnaash Taayyaachoo argamanitti eebbifameera.

Manni barnootichaa dareewwan 12, mana yaalii lamaa fi mana kitaabaa kan qabuudha.

Waajjirri Giifti Duree manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa marsaa lamaan ijaarsisee keessaa kun 3ffaa yoo ta’u, waliigalaan manneen barnootaa 23 eebbisiiseera.

Haayimaanoot Iyyaasuu fi Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.