Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Guyyaa borii daandileen gara Adda Baba’ii Masqalaatti geessan ganama sa’aatii 11:30’rraa hanga guyyaa sa’a 06:00’tti cufaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Ministeerrii Aadaa fi Ispoortii biiroo paabilikii magaalaa finfinnee waliin ta’uun sagantaa ispoortii ga’umsa qaamaa guyyaa borii jechuun Waxabajjii 12, 2014 dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 ni gaggeeffama.

Sagantaan gaggeeffamu hanga xumuramuttis daandileen gara Adda Baba’ii Masqalaatti geessan ganama sa’aatii 11:30’rraa hanga guyyaa sa’a 06:00’tti cufaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee eereera.

Haaluma kanaan:

-Maqa Walloo Safar irraan Adda Baba’ii Masqalaa kan geessuu naannoo Dambal (Adda Baba’ii Olompiyaa)tti;

-Magganaanyaa-Adda Baba’ii 22’rraan-Adda Baba’ii Masqalaa; akkasumas Daandii Boolee Madaanalamii-Hoteela Atilaasirraan-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu Bataskaana Uraa’eel karaa olii fi gadiin;

– Geejjaa safar irraan-eegumsa fayyaa-tiyaatira biyyaalessaatti kan geessu

– Mana Maxxansaa Daldalaarraan Garaajii Ormaan, Filuwaarraan gara Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu qaxxaamura Garaajii Ormaanitti;

-Kiloo 4 irraan Hoteela Sharaatanitti kan geessurratti

-Saarbeet irraan konkolaattota dhufan ibsaa tiraafikaa Gamtaa Afriikaarratti.

– Piyaasaarraa Daandii Charchil -Adda Baba’ii Masqalaa kan geessuu Mana Poostaatti;

– Kaasaanchiis Filuwaa irraan gara Adda Baba’ii Masqalaa kan geessuu fi ibsaa tiraafikaa Kaasaanchisiin Baanbiis irraan gara Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu ibsaa tiraafikaa Kaasaanchiis irratti;

– Gofaarraa-Bataskaana Qiddus Qiirqoosiin garaa Lagahaar kan geessu adda baba’ii daandii qaxxaamuraa Bataskaana Qiddus Qiirqoositti;

-Qeeraarraa gara Meeksiikoo konkolaattota dhufaniif Gamoo Xamaamaa biratti;

-Xoorhaayiloochi-Lidataa-Hospitaalaa Poolisiirraan gara Adda Baba’ii Masqalatti kan geessuu qaxxamura Hospitaalaa Baalchatti;

-Markaatoo barbaree barandaarraan garaa adda baba’ii masqalaa kan geesuu warshaa araqee biratti;

-Saaris-Gootaraa-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu naannawaa siniimaa Agoonaatti;

-Gotaraa-Mashuwalakiyaarraan Adda Baba’ii Masqalaa kan dhufan Kutaa Waraanaa 4ffaa Duraaniirratti; daandiin cufaa waan ta’eef, hawaasni kana hubachuun daandiiwwan poolisoonni tiraafikaa kallattii kennaan akka fayyadamanii fi poolisootaa tiraafikaaf ajajamuun deeggarsaa barbaachisaa akka taasisan Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.