Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan qoqqoobbii diinagdee irra kaa’amu dandamachuuf ga’umsa qabdi – Preezidaant Putiin

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Preezidaaniin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyi isaani qoqqoobbii diinagdee irra kaa’amu kamiiyuu dandamachuuf dandeettii qabaachuu ibsan.
‘’Nuti jajjabeedha, qormaata kamiiyyuu dandamachuu dandeenya, rakkoo hunda ni furra, seenaan bara dheeraa biyya keenyaas dhimma kana ni dubbata’’ jedhan Yaa’ii Diinagdee guyyaa kaleessaa Qudduus Piitarsabargitti gaggeeffameerratti yaada laataniin.
Humna Guddaa qabnu dhugoomsuu fi biyyoonni Lixaa tattaaffii diinagdee biyyattii dadhabsiisuuf taasiisan fashaleessuuf Dhaabbileen Raashiyaa hirmaannaa Invastimantii biyya keessarratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Maddi:-CGTN
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.