Fana: At a Speed of Life!

Carraan Fayyadamummaa Agoowaa Ityoophiyaa haqamee ture irra deebiin ilaallamuu danda’a – Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Carraan Fayyadamummaa Agoowaa Ityoophiyaa haqamee ture haalli irra deebiin ilaallamuu danda’u jiraachuu Ityoophiyaatti hojii raawwachiiftuun Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaadar Tasfaayee Yilmaan Ityoophiyaatti hojii raawwachiiftuu Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan waliin mari’ataniiru.
Ambaasaadar Tasfaayee Yilmaan hojiilee mootummaan Ityoophiyaa raawwataa jiru ibsa taasiisaniiru.
Hariiroon Uummatootaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa baroota lakkoofsiise ammas dameewwan garaagaraan cimee itti fufuu eeraniiru.
Mootummaan Ityoophiyaas Ameerikaa waliin walitti dhufeenya bifa haaraan jalqabuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaatti hojii raawwachiiftuun Imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan gama isaaniin biyyattiitti nagaa buusuuf tarkaanfilee mootummaan fudhachaa jirutti gammaduu kaasuun, hariiroo fi walitti dhufeenya tumsa tarsiimoo biyyoota lamaan gidduu jiru cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan Ameerikaa Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka bu’u fedhii qabaachuu himuun, tattaaffii kanas Ityoophiyaan akka milkeessitu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Carraan agoowaa adda cite ture bifa haaraan ilaallamuu akka danda’u carraan jiraachuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’usa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.