Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti biqiltuu miiliyoona 262.6 ol dhaabuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Aanaalee Godina Arsii Lixaa 13 keessatti ganna kana Biqiltuu miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 62.69 ol dhaabuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Arsii Lixaa beeksise.
Boolli dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaas Aanaalee Godinichaa hunda keessatti bifa duulaatiin qophaa’aa jiraachuu himeera.
Haaluma kanaan Aanaa qilleensa gammoojjii qabu Siraaroo dabalatee, aanaalee godinichaa hunda keessatti boolla dhaabbii biqiltuu miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona36.4 qopheessuuf karoorfame hanga ammaatti boolli miiliyooni dhibbi 2 fi miiliyoona 1.65 qophaa’uu Itti Aanaan Waajjiri Qonna Godina Arsii Lixaa Obbo Ibsaa Gammadaa beeksisaniiru.
Dhaabbiin biqiltuu kan eegalame yammuu ta’u, hanga ammaatti biqiltuun miiliyoona 34 kan dhaabbate ta’uus Obbo Ibsaan himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.