Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaaf Doolaara miiliyoona 405 deeggarsa taasise

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Baankiin Addunyaa Ityoophiyaaf Doolaara miiliyoona 405 deeggarsa taasisuu ibsame.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Baankii Addunyaatti Daayrektarri Ityoophiyaa Osmaan Diiyoon waliif mallatteessaniiru.

Deeggarsa baankichi Ityoophiyaaf taasise keessaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 95 dhiibbaa vaayrasiin koroonaa qaqqabsiisu hir’isuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 10 guyyoottan dura taasifame ammoo naannawaa gammoojjiitti bishaan lafa jalaa misoomsuu fi hojiirra oolchuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Tsagaayee Wandasantu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.