Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Dambii fi Wixineen qajeelfamaa haaraan Raayyaan Ummataa ittiin durfamu qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dambii fi Wixineen qajeelfamaa haaraan Raayyaan Ummataa ittiin durfamu qophaa’uu Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalichaa beeksiiseera.
Dambii fi Qajeelfamni kun miseensonni Raayyaa Ummataa kumni dhibbi 2 fi kumni 26 miseensota Poolisii waliin qindoominaan akkaataa hojjechuu danda’aniin kan qophaa’e ta’uu Biirichatti itti aantuu hoggantuun damee duudhaalee nageenyaa Aadde Liidiyaa Girmaan ibsaniiru.
Duula birmadummaa biyyaa mirkaneessuu eegalee Raayyaan Ummataa kunneen nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf poolisii waliin qindoominaan hojjechaa turuu eeraniiru.
Akkaataa Wixinee haaraa kanaan Miseensota Raayyaa Ummataaf Waraqaan eenyummaa fi uffanni seeraa qophaa’aa jiraachuu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.