Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Bahaatti indaastirii fiilmii babal’isuun carraa hojii uumuun barbaachisaadha-Dooktar Mulaatuu Tashoomaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Afrikaa Bahaatti indaastirii fiilmii babal’isuun carraa hojii hedduu fi karaalee galiin ittiin argamu uumuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa ibsan.

Kaayyoo waloo keenyaa kan ta’e tokkummaa fi badhaadhina naannawichaa hanga milkeessinutti tattaaffii kana cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa gamasaaniin, damee hojii fiilmiin hanqinni humna namaa leenji’ee jiraachuu, imaammanni fiilmii biyyaalessaa dhibuu, dhaabbileen biyyaalessaa ogeeyyii damichaa leenjisan muraasa ta’uu fi dhimmoonni mirga abbummaan walqabatan guddina indaastirii fiilmiif gufuuwwan ta’uu eeraniiru.

Yeroo dhiyoo as fooyya’iinsi jiraachuu fi waggaatti fiilmiiwwan hedduun bahaa jiraachuu akka carraa gaariitti kaasaniiru.

Fooyya’iinsi kun kan dhufes Imaammanni Misooma Fiilmii Ityoophiyaa ragga’uu isaan ta’uu himaniiru.

Beekumsaa fi qabeenya guddaa damichaan jiru fayyadamuuf biyyoonni naannawichaa tokkummaan hojjechuu akka qaban dhaamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.