Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti sosochii deeggarsa Hidha Haaromsaan Birrii miiliyoona 17 ol walitti qabuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti sosochii deeggarsa hidha haaromsaa gaggeeffamuun gurgurtaa boondiin Birrii miiliyoona 17.5 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun eerame.

Sosochiin deeggarsa Hidha Haaromsaa Godina Baalee Magaalaa Roobeetti har’a gaggeeffameera.

Sossochii guyyaa har’aa gaggeffameen boondiin birrii miiliyoona 1.5 ol bitamuu ibsameera.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhaakiim Aliyyii, milkaa’ina ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaatiif, hoggansi hawaasa qindeessuun gahee adda durumaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Itti gaafatamtuun Waajjira Koomunikeeshinii Godina Baalee Aadde Alamituu Daanyee gama isaaniin, sossochii bittaa boondii gaggeeffameen boondii birrii miiliyoona 1.5 ol bitamuu ibsanii, sadarkaa garagaraatti sosochii gaggeeffamuun, gurgurtaa boondiin birrii miiliyoona 17.5 walitti qabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan waajjira Komunikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.