Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa Magaalaa Jimmaa, Godinaalee Jimmaa fi Buunoo Beddelleef deeggarsi kompiwuutaroota 500 taasifame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitii jimmaa fi “Kamara education Ethiopia” manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Jimmaa, Godinaalee Jimmaa fi Buunoo Beddelleef, deeggarsi kompiwutaroota 500 taasifame.

Preezdaantiin Yuunivarsitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa sagantaa walharkaa fuudhiinsaarratti, tajaajila barnootaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa naannawaa yuunivarsitichaa jiranii ammayyeessuu fi teeknooloojiin deeggaruuf “Kamara Education” waliin ta’uun deeggarsa taasiseera jedhan.

Kompiwutaroonni kunneen kitaabilee deeggarsa barnootaa barattootaa fi barsiisotaa kan qabateedha jedhame.

Dabalataan, naannawaa tajaajilli interneetii hinjirretti tajaajila wikipidiyaa, sooftiweerii qaroo dhabeeyyiin itti fayyadamuu danda’anii fi sooftiweeriiwwan baruuf barsiisuu tumsan kan qabate ta’uun eerameera.

Kompiwutaroota deeggarsaan kennaman kunneen Birrii miiliyoona 20 kan baasan ta’uu Dooktar Jamaal himanii, manneen barnootaa deeggarsi taasifamaeef meeshaalee deeggarsa barnootaa waan ta’aniif sirnaan fayyadamuu qabu jedhaniireu.

Warqaafarraa Yaalawutu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.