Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hojjettootaa hir’suuf filannoowwan garaagaraa hojiirra kan oolan ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hojjettootaa hir’suuf filannoowwan garaagaraa hojiirra kan oolan ta’uu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiroon Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Magaalaa Finfinnee daayrektarootaa fi dursitoota gareef leenjii kennuu eegaleera.

Bulchiinsi magaalichaa sagantaalee misooma manaa garaagaraa bocuun rakkoo mana jireenyaa hojjettoota magaalichaa hir’isuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu Ittaanaan Kantiibaa magaalichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti hojiilee misooma manaa bal’isuun hojjettoota fayyadamoo taasisuuf tattaaffiin kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Leenjiiwwan ijaarsa dandeettii eegalaman jijjiirrama biyyaa eegalaman itti fufsiisuuf murteessoo ta’uus kaasaniiru.

Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Magaalichaa obbo Hayiluu Luulee gamasaaniin, leenjichi dhimmoota sadiirratti qophaa’uu eeruun, leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.