Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Jarmaan Anelena Berbiik waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Jarman Anelena Berbiik walin bilbilaan mari’ataniiru.
 
Marichaan michummaan Jarmanii fi Ityoophiyaa waggoota hedduu kan lakkoofsise ta’uu Obbo Dammaqaan kaasaniiru.
 
Waggaa tokko fi walakkaa darbe qormaata Ityoophiyaa mudateen keessatti mootummaan Jarman ejjennoo madaalawaa qabaachuu galateeffataniiru.
 
Yeroo ammaa gufuuwwan Ityoophiyaa mudatan furuuf gama mootummaan hojiileen hojjetamaa jiran abdii qabeessa ta’uun eerameera.
 
ABUT Waliin rakkoo jiru nagaan furuuf mootummaan fageenya dheeraa adeemuu kan ibsan Obbo Dammaqaan, hoggantoota hidhaarra turaan gadi dhiisuu, koomishinii marii biyyaalessa hundeessuu, Gaanfa Afriikaatti Ergamaa Adda Gamtaa Afrikaa Oliseengoo Obaasaanjoo waliin hojjechaa jiraachuun, nageenyaaf kutannoo jiru kan argisiisuudha jedhameera.
 
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.