Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan Ambaasaaddar Tiiboor Naazh waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dooktar Injinar  Silashii Baqqalaan Ittaanaa Ministira Ministeeraa Dhimma Alaa Dhimmoota Afrikaa duraanii Ambaasaaddar Tiiboor Naazhii fi barattoota Yuunvarsiitii Teeknooloojii Teeksaasii fi Angiloo Isteet  waliin mari’ataniiru.

Marichaan hariiroo gamlamee Ityoophiyaa fi Ameerikaarratti ibsa taasisaniiru.

Waltajjicharratti barattoonni yuunvarsiitichaa sirna buna Ityoophiyaa ittiin danfisan irratti hirmaachuun nyaata Ityoophiyaa soorachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRIrraa argame ni mul’isa.

Barattoonni kunneen sirnicharratti hirmaachuun waa’ee Ityoophiyaa akka beekanii fi hariiroo aadaa, duudhaa biyyoota lameenii akka hubatanii fi warreen kaanittis akka beeksisaniif kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.