Fana: At a Speed of Life!

Roodmaappii tajaajila gorsaa ekisteenshinii qonna diijitaalaa Ityoophiyaa 2030 irratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Roodmaappii tajaajila gorsaa ekisteenshinii qonna diijitaalaa Ityoophiyaa 2030 irratti mariin gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee, qaamoleen dhimmi ilaallatu fi deeggartoonni misoomaa idil addunyaa argamaniiru.

Barbaachisummaa teeknooloojii diijitaalaarratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen haasawaa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru.

Misoomaa fi badhaadhina qonnaan bulaa guddisuufi waliingahiinsa odeeffannoo qixa ta’e uummata biraan gahuuf qonni diijitaalaa filatamaa ta’uu eeraniiru.

Bara 2030tti oomisha qonnaa biyyattii dachaan guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Qonni diijitaalaa kunis dandeettii oomishtummaa qonnaan bulaaf ga’ee olaanaa qabaachuu eeruun, kaayyoon roodmaappii qonna diijitaaalaa kanaa odeeffannoo waliingahuun qonnaan bultoota ga’oomsuu irratti kaayyeffachuu  ibsaniiru.

Dame qonnaa diijitaalessuun badhaadhina qonnaan bultoota Ityoophiyaa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Yismaw Adaraawutu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.