Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa sababa ogummaa Gaazexeessummaan to’annoo jala oole hin jiru – Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Kan yakkaan shakkame malee namni dhuunfaan sababa ogummaa Gaazexeessummaan to’annoo jala oole kan hin jirre ta’uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa beeksiise.
Hanga ammaatti kan yakkaan shakkame malee namni dhuunfaan sababa ogummaa gaazexeessummaan to’annoo jala oole hin jiru jedhan Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Obbo Mahaammadi Idiriis.
Namoota tibbana to’annoo seeraa jala oolan keessaa nama dhuunfaa tokkoon ala hundi isaanii eeyyama gaazexeessummaa kan hin qabne ta’uu mirkaneessaniiru.
Namni dhuunfaan eeyyama qabus seera biyyattii darbuun shakkamee to’annoo jala oole malee sababa ogummaanii miti jechuun ibsaniiru.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Gaazexeessitoota jedhee kan yaamu kanneen sadarkaa dhaabbilee miidiyaan galmaa’anii fi eeyyama ogummaa qaban keessa hojjetan qofa ta’uu himaniiru.
Namoonni dhuunfaan to’atamanis kanneen garee siyaasaaf dhaabbatanii yakka hojjetaniif wayita seeraan barmaaddaman Gaazexeessaa kan of fakkeessan malee sababa ogummaa Gaazexeessummaan hin to’atamne jedhan.
Lammiileen Miidiyaalee Hawaasummaan irratti hojjetan eeyyama seera fudhachuun seeraa fi sirna biyyatti kabajuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kanneen miidiyaalee idileerra hojjetanis seeraa fi sirna biyyatti kabajuun tokkummaa fi nageenyaa biyyaaf hojjechuun dirqama kan qaban ta’uu eeruun, yoo kana hin taane heera mootummaa fi seerota dhimmicha ilaalchisee ba’aniin kan gaafataman ta’uu ibsaniiru.
Maddi:TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.