“Beeyladoota, buna, warqee fi oomisha midhaanii keenya kontirobaandiin daangaa akka hinceene ittisuu qabna”-MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – “Beeyladoota keenya, buna, warqee fi oomisha midhaanii keenya kontirobaandii daangaa ce’an akka hinbaane ittisuu keenya itti fufuu qabna“ jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad karaa tiwiitara isaaniin ergaa dabarsaniin, kontirobaandii daangaa ce’aan faayidaa biyyattiin daldala seera qabeessan argattu akka dhabsiisuu eeran.
Kun ammoo qormaata ta’ee turuu ibsanii, yeroo dhiyoo as milkaa’ina jiru cimsuu barbaachisa jedhaniiru.
Keessumaa qabeenya beeyladaa, buna, warqii fi oomisha midhaanii kontirobaandii daangaa ce’an akka hinbaane ittisuu itti fufsiisuu qabna jechuun hubachisaniiru.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.