Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaman dandamachiisuu bu’aa qabeessa akka ta’u xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Ministeera Maallaqaa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti proojektiin lammilee walitti bu’iinsaan miidhaan deebisanii dandamachiisuu bu’a qabeessa akka ta’uuf xiyyeffannaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Maallaqaa.

Proojektii Ityoophiyaatti lammiilee walitti bu’iinsan miidhaman deebisanii dandamachiisuu qaamolee dhimmichi ilaalatuun ifoomeera.

Dhaabbilee tumsitootaa, qaamolee dhimmichi ilaallatu, akkasumas itti gaafatamtoonni naannolee fi ogeeyyiin bakka argamanitti proojekticha kan ifoomsan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, mootumaan lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaman dandamachiisuuf xiyyeffannaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Mootummaan guyyaa walitti bu’iinsichaa irraa eegalee, lammiilee miidhaan irra ga’eef deeggarsa namoomaa dhiyeessuu, bara 2014’tti Birrii biiliyoona shan baajata dabalataa ramaduun, bara 2015’tti ammo Birrii biiliyoona 20 ramaduun adeemsi deebisanii dandamachiisuu bu’aa qabeessa akka ta’uuf hojjetamuu yaadachiisan.

Proojektchi bu’uuraalee misoomaa tajaajilaa ummataa deebisanii ijaaruu fi lammiilee miidhaan koorniyaa irra ga’eef tajaajilaa fi deeggarsa gama maraa taasisuuf kan xiyyeeffate ta’uu Obbo Ahimad Shidee himuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Proojektiin deebisanii dandamachiisuu kun naannolee Oromiyaa, Afaar, Amaaraa, Tigiraayiifi Beenishaanguul Gumuzitti hojiirra akka oolu eerameera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.