Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan birmadummaa ishee akka kabachiiftu Chaayinaan deeggarsa taasiiftu kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Raashiyaan birmadummaa ishee akka kabachiiftu Chaayinaan deeggarsa taasiiftu kan itti fuftu ta’uu Preezidaantiin Chaayinaa Zhii Shiippiing dubbatan.
Preezidaanti Zhii Shiippiing gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin dhimmoota waqtaawarratti bilbilaan mari’ataniiru.
Chaayinaan hojiilee Mooskoon birmadummaa fi nageenya ishee mirkaneessuuf hojjettuuf tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.
Fedhii garaagaraa dabalatee birmadummaa fi nageenya ishee kabachiisuuf hojii Mooskoon hojjettu tumsuuf Chaayinaan fedhii qabaachuu mirkaneessuu isaanii Shiiniwaan tajaajila Oduu Arabaa wabeeffachuun gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.