Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Deenmaark hojiilee dhiyeessii bishaan dhugaatii naannoo Sidaamaatti hojjetamu kan tumsu ta’uu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) –Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassita Leeddamoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Deenmaak Kiraa Ismiiz waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin mootummaan Deenmaark hojiilee dhiyeessii bishaan dhugaatii naannoo Sidaamaatti hojjetamaa jiru kan tumsu ta’uu Ambaasaaddar Kiraa Ismiiz ibsaniiru.
Mootummaan Deenmaark magaalaa Dirree Dawaa fi naannoo Sidaamaatti dhiyeessii bishaan dhugaatii fi hojiilee ijaarsa dandeetti damichaarratti hojjechuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
Preezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon hojiilee dhiyeessii Bishaan dhugaatii qulqulluu waliin ga’uu mootummaan Deenmaark naannichatti hojjetaa jiru galateeffataniiru.
Mootummaan naannichaa hojiilee hojjetamaa jiruuf tumsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu ibsuu ragaan waajjira Preezisaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.