Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa taasise

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Dhaabbanni ‘Hundee Oromo Grass Root Development Initiative’’ jedhamu horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen Miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa taasise.

Deeggarsichi gandoota aanaalee Yaaballoo, Elwayyee, Areeroo fi Goomolee saddeetiif kennamuu eerameera.

Dhaabbatichi abbootii warraa 715’f deeggarsa midhaan nyaataa kanneen akka boqolloo fi bolqqee kuntaala kuma 2 fi 185 akkasumas  zayita nyaataa  liitira kuma 6 fi 35 deeggarsa taasisuu ibsameera.

Dabalataanis, daa’imman hanqina nyaataa qabaniif nyaata madaalamaa kuntaala 162 fi zayita nyaataa liitira 750 dabalataan kennamuu OBN gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.