Fana: At a Speed of Life!

“Nageenya barbaanna jechuun marii dhokataa taasifna jechuu miti”-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Daandiin hordofnu Ityoophiyaan nagaa akka taatu waan ta’eef nageenya barbaannaa jechuun keenya marii dhokata taasifna jechuu miti jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Dhimmootaa nageenyaa biyyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuu ilaalchisuun ibsa Mana Maree Bakka Bu’ootaaf kennaniin, fedhiin keenya walitti bu’iinsi biyya keessattis ta’e alaatti akka hinuumamneedha.
Ka’umsi walitti bu’iinsa biyya keessaa ABUT ta’uu fi ABUT injifatamuu isaa waan hinfudhanneef biyyaa nagaa dhowwachuun angootti deebi’uuf tattaaffii taasisuun ta’uu himaniiru.
Daandiin hordofnu Ityoophiyaan nagaa akka taatu waan ta’eef, nageenya barbaannaa jechuun marii dhokataatu gaggeeffama jechuu akka hintaane hubachiisaniiru.
Qaamolee nageenya barbaadaan hunda waliin hojjechuuf kutannoo jiru kan ibsan, ololaa fi oduun afarfamuu faayidaa kan hinqabnee fi nu qoqqooduuf kan taasisfamuudha jedhaniru.
Qophaa’ummaa dhaabbilee nageenyaa ilaalchisuun Muummeen Ministiraa akka eerantti, dhaabbileen nageenyaa kan qophaa’aniif, ABUT qofaaf utuu hintaane Ityoophiyaa itti fufsiisuuf jedhaniiru.
Loltoonni Ityoophiyaas sadarkaa ABUT ammaa irratti argamuu lakkoofsaan, teknooloojiin ga’umsaan dacha hedduu akka caaluu ibsaniiru.
Lola gama interneetiin gaggeeffamaa jirurratti ibsa kennanii, Ityoophiyaatti haleellaan saayibarii kuma 6’tti siquu qaqqabuu himaniiru.
Haleellaa virchuwaalaas ta’e, fiizikaalaa gaggeeffamu qolachuun, Ityoophiyaa itti fufsiisuuf ta’uu eeraniiru.
Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaanguul Gumuz, Finfinnee fi Somaalee xiyyeeffachuun olaantumaa seeraa kabachiisuuf opireeshiniiwwan gaggeeffaman bu’aa olaanaan galmaa’eera jedhan.
Gama miidiyaatiinis ta’e naannolee hundaattis ta’e seer-maleessummaa mul’atu dhaabuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee akka itti fufuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Biyya gamtaan ijaaruu barbaachisa malee, biyya akka ibsaa dabreedhaan bulchina jechuun sirrii akka hintaanee fi abbaan dabarummaa jedhamuu haqaa lafarraa jiru akkasumas qoodama jiru kan hin argiisiifneedha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.