Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan barana xaa’oof Birrii biiliyoona 15 deegarsa taasise – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Barana hojiilee qonnaa gaggeeffamaniif mootummaan xaa’oof Birrii biiliyoon 15 deegarsa taasiseera jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Damee qonnaarratti hojiilee hojjetaman ilaalchisuun deebii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin barana teeknooloojiiwwan qonnaaf tiraaktaroota kuma 5 hojiilee qonnaaf hojiirra ooluu eeraniiru.
Lafti qonnaaf oolan %28 ta’aanis tiraaktaraan kan qotaman ta’uu kaasanii, carraan tiraaktaraa fi kombaayinara qonna biyyattiif oolchuu dabaluu himaniiru.
Dabalataan muuxannoon kilaasteeraan misoomsuu babal’achaa jiraachuu himanii, barana oomshni qonnaa %45 kilaastaraan akka oomishame eeraniiru.
Barana oomisha qonnaa kuntaalli miiliyoona 23-25 kan eegamu ta’uu kaasaniiru.
Hanqinni xaa’oo akka hinmudanneefis mootummaan deeggarsa xaa’oof Birrii biiliyoona 15 taasisuus himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.