Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsa gatii dandamachuuf qaamni hundi ga’ee irraa eegamu ba’uu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Qaala’iinsa gatii dandamachuuf qaamni hundi ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa irra caalaatti lammiilee galii gadi aanaa qaban miidhaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanqinni oomishaa, fedhiin guddachuun,sirni gabaa fi itti fayyadamni baajataa qaala’iinsa gatiif ka’umsa olaanaa ta’uu isaanii himaniiru.
Ityoophiyaatti qaala’iinsi gatii % 33 dabaluu eeraniiru.
Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf Birrii biiliyoonni 30 ol osoo walitti hin qabamin hafuu kaasaniiru.
Magaalaa Finfinneetti hojiin gabaa Dilbataa babal’isuu qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu keessatti qooda olaanaa ba’aa jiraachuu himaniiru.
Hawaasni harka qalleeyyii nyaata guyyaa akka argatuuf magaalaa Finfinneetti hojiin ijaarsa warshaalee Daabboo babal’isuu hojjetame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti oomishni daabboo guyyaan kuma 20 qofa ture, jijjiirramaa as gara miiliyoona 2 ol guddachuu ibsaniiru.
Hojiin qonna magaalaa babal’isuu eegalamee cimee itti fufuu qaba jedhan.
Waliigala qaala’iinsa jireenyaaf sababoonni hedduun jiraatus rakkoolee kanneen furuuf tattaaffii cimaan taasiifamuu eeraniiru.
Haadholiin 200 ol oomisha muduraa fi kudaraa mooraa Waajjira Muummee Ministiraarraa torbee lama lamaan fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.