Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti sagantaan guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa godina Kafaatti sagantaan guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuu ifatti  eegaluu ibsameera.

Bunni duudha addaa naannichaa ta’uu fi oomishaa fi oomishtummaa bunaa dabaluun qonnaan bultoota naannichaa fayyadamoo taasisuuf mootummaan naannichaa kan hojjetu ta’uu Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon saganticharratti ibsaniiru.

Godinichatti hojiin oomishtummaa bunaa saffisiisuuf eegalame jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Bunni hawaasa naannichaaf faayidaa diinagdeerra darbee hariiroo hawaasummaa uumuurratti ga’ee olaanaa qabaachuu ibsuun, duudhaa kana haalaan fayyadamuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Naannichatti babal’ina bunaaf biqiltuun bunaa miiliyoonni 76 ol kan dhaabamu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.