Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaattii Seer maleessummaa to’achuu fi olaantummaa seera kabachiisuuf humnoota nageenyaa sadarkaan jiran cimsuuf murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Naannoo Gambeellaa Seer-maleessummaa to’achuu fi olaantummaa seera kabachiisuuf humnoota nageenyaa sadarkaan jiran cimsuuf murtoo dabarse.
Manni marichaa walga’ii har’aa gaggeesseen, qaamolee seeraa alaa fi naamusa hinqabne to’achuu fi nageenya naannichaa mirkaneessuuf kallattiwwan addaa duree ta’anirratti murtoo kennuu beeksiseera.
Manni marechaa walga’ichaan haala nageenyaa naannichaa gamaaggameera.
Haaluma kanaan magaalaattis ta’e baadiyyaa naanichaatti, seer-maleessummaa yeroo gababaa keessatti yoo hinto’annee, misoomaa Naannoo Gambeellaa itti fufsiisuun akka hindanda’amne eereera.
Misoomaa fi nageenya naannichaa kan jeequ, seer-maleessummaa, naamusa dhabuun, nageenya ummata naannichaaf jecha rakkochaa sirna qabsiisuuf Manni Marechaa xiyyeeffanaan akka kennamu murtoo dabarsuu ragaan biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.