Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Booleetti ijaarsa warshaalee daabboo 3’f dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Booleetti ijaarsa warshaalee daabboo 3’f dhagaan bu’uuraa kaa’amuu ibsame.

Warshaaleen kunneen deeggarsa abbootii qabeenyaan kutaa magaalichaa aanaalee sadii keessatti kan ijaaraman ta’uu ibsameera.

Mootummaan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf kallattiiwwan kaa’e keessaa dhiyeessii daabboo guddisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun tokko  ta’uu hojii raawwachiistuu olaantuun kutaa magaalichaa Aadde Alamtsa Shifarraw haasawaa sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uurratti taasisaniin ibsaniiru.

Ijaarsi warshaalee kunneen baatiwwan lama keesatti xumuramuun tajaajilaaf kan oolan ta’uu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa gara hojiitti seenuun ijaarsa isaa akka eegalan yaadachiisuun, hoggantoonnii fi jiraattonni kutaa magaalichaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafachuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.