Fana: At a Speed of Life!

IOM hojiilee deeggarsa namoomaa Somaaliyaatti hojjetuuf Doolaara miiliyoona 66 gaafate

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa IOM hojiilee deeggarsa namoomaa Somaaliyaatti hojjetuuf Doolaara miiliyoona 66 akka barbaachisuun eere.
 
Dhaabbatichi Somaaliyaatti lammiilee miiliyoona 1.25’f deeggarsi namoomaa akka barbaachisuu fi kanaafis hanga bara Faranjootaa 2023’tti, Doolaara Ameerikaa miiliyoona 66 akka barbaachisuun beeksiseera.
Hongeen biyyattiitti mudate babal’achuun walqabatee, rakkoo Somaaliyaan keessa jirtuu furuuf, fandiichi hatattamaan gadi dhiifamuu qaba jechuun, dhaabbatichi ibsa kenneen gaafateera.
Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa bara Faranjootaa 2022’tti lammiilee Somaaliyaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 60 deeggarsa argachuu mirkaneesseera.
Deeggarsichis hongee baba’lateen walqabatee lammiilee miiliyoona 2.8 dandamachiisuu eereera.
 
Dhaabbanni Godaantotaa Idila Addunyaa IOM, gama isaan hanga ammaatti lammiilee Somaaliyaa kuma 350 deegarsa taasisuu eeruun, fuulduratti tajaajilcha akka fooyyessuu beeksisuu CGTN gabaaseera.
 
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.