Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen to’annoo meeshaalee waraanaa hatattamaan akka hojirra oolu Joo Baayidan hubachiisan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan waliigalteen to’annoo meeshaalee waraanaa hatattamaan akka hojiirra oolu hubachiisan.
Seenaataroonni Mana Mareee Ameerikaa seera to’annoo meeshaalee waraanaarratti waliigalaniiru.
Kana hordofees Baayidan seera baaftonni fooyyessa seeraa to’annoo meeshaalee waraanaa hatattamaan gara “Waayit Haawusitti ergan ajajuu isaanii CGTN gabaaseera.
Manni Maree Ameerikaa torban darbe wixinee to’annoo meeshaalee waranaa sagalee caalmaan dabarsuun ni yaadatama.
Wixinechi namoonni meeshaalee waraanaa bitachuu kan danda’an umriin isaanii waggaa 18 irraa gara 21’tti akka siqu ragaasisa.
Namni meeshaa waraana bitachuuf umriin isaa eeyyamuuf baattuu rasaasa 15 ol qabatu bitachuu akka hindandeenye ibsa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.