Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii daawwannaa hojiif Finfinnee seenan
Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaan Liwiijii Dii Maayoo daawwannaa hojiif Finfinnee seenaniiru.
Ministirchi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin simataniiru.
Liwiijii Dii Maayoo guyyoota lamaaf Ityoophiyaa kan turan ta’uu ragaan Ministreera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.