Bu’a qabeessumaa bu’uuraalee misoomaaf hojmaataa qindaawaaa cimsuu barbaachisa jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC)- Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaggeeffamanirratti hojmaataa qindaa’aa cimsuun bu’a qabeessaa taasisuun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa ibse.
Ministeerichi qaamolee dhimmichi ilaallatu bulchiinsa magaalotaa fi naannolee irraa walitti baba’aniif hojmaata qindaawaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaarratti waltajjii hubannoo uumuu Magaalaa Harariitti gaggeesseera.
De’eetaan Ministiraa Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Injiinar Wandimmuu Seetaa, gaaffilee bulchiinsa gaarii bu’uuraalee misoomaan walqabatanii ka’an furuuf, waltajjichi gumacha qaba jedhan.
Biyyattiitti waggootaan kurnan darbanitti proojektoonni bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, teelekoomii, daandii baaburaa, elektirikaa ijaaramaaa turuu eeruun, damechaan hojmaanni qindaawaan dhabamuun qisaasama qabeenya biyyattiirratti uumuu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.