Fana: At a Speed of Life!

Manni Kitaabaa Biyyaalessaa kitaabilee miiliyoona sadii Mana Kitaabaa Abrihootiif arjoome

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) Ejensiin Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa Mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabilee miiliyoona sadii arjoomeera.
Daayrektarri Olaanaa Ejensii Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Ityoophyaa Obbo Yikuno’amlaak Mazgabuu, Ityoophiyaan biyya kitaabilee taatus biyya mana kitaabaa hinturre jedhan.
Har’aa manni kitaabaa ijaaramus qabeenya barbaachisa waan ta’eef, kitaabilee miiliyoona sadii kanneen Ityoophiyaanotaan barreeffaman, sirna barnootaan kan maxxanfaman, kitaabilee odeeffannoo barnootaa, asoosama, seenaa fi kanneen biroo kan gumaachan ta’uu himaniiru.
Fuuldurattis, dhaabbiidhaan kitaabilee haaraan yeroon akka galaniif mana kitaabichaa waliin kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Aartii Magaala Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasaawu, Eejensiin Mana Kitaabaa Biyyaalessaa Mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabilee gumaachuun hiikaa olaana kan qabuudha jedhan.
Manni kitaabichaa hangafa waan ta’eef, kitaabilee gumaachuu cinaatti tumsa ogummaa akka taasisu gaafataniiru.
Haayimaanoot Iyyaasuutu Gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.