Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin seera kabachiisuu haala bu’aa qabeessa ta’een gaggeeffamaa jira- TKM

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Tarkaanfiin seera kabachiisuu haala  bu’aa qabeessa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu  Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, tarkaanfii garee shororkeessaa Shanee irratti fudhatameen naannoo Oromiyaatti nageenyi fooyya’aan mirkanaa’uu fi bakkeewwan to’annoo garichaa jala turan bilisa baasuun danda’amuu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun naannoo Amaaraatti tarkaanfii seera kabachiisuuf fudhatameen naaannichatti nageenyi mirkanaa’uu kaasaniiru.

Seera kabachiisuun cinaatti gaaffii misoomaa hawaasaa deebisuuf mariin gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan caasaa isaa qulqulleessaa tarkaanfii seera kabachiisuu fudhachaa jiraachuu fi tarkaanfichi ammas kan hin xumuramne ta’uu  ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.