Fana: At a Speed of Life!

Moozaambiik Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taate

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Moozaambik sagalee Miseensotaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 192 argachuun miseensa mana marichaa taateetti.
Moozaambikitti dabalataan, Ikkuwaadoor, Jaapaan, Maaltaa fi Siwiizarlaand filannoo Mana Maree Nageenyaa kaleessaan biyyoota beekkamtii argataniidha.
Filannoo miseensummaa mana maree nageenyaa kaleessa gaggeeffameen Moozaambiik sagalee 192, Ikkuwaadoor 190, Jaappaan 184, Maaltaan 185 fi Siwiizarlaand 187 argachuun miseensa ta’aniiru.
Preezdaantiin Moozaambiik Filiip Niiyuusii, biyyi isaanii fuulduratti biyyoota Afrikaa nageenya waaraa ijaaruuf tattaafataniif sagalee ni taati jedhaniiru.
Mootummaan Moozaambiik tarkaanfii walitti bu’iinsa hir’isuu fudhachuun muuxannoo jajjabeessa qabdii jedhanii, hunda caalaa furmaata marii nageenyaa beeksisuun Moozaambiik ejjennoo hinraafamne qabdi jedhaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii miseensota dhaabbii 15 fi teessoowwan dhaabbii hintaane 10 akka qabu BBC’n gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.