Fana: At a Speed of Life!

Godinchatti turistoota biyya keessaafi alaa kuma 43 ol irraa galiin Birriin Miliyoonni 67 ol argamu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti baatiwwan 9 darbanitti turistoota biyya keessaafi alaa kuma 43 ol irraa galiin Birriin Miliyoonni 67 ol argamu Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii godinichaa beeksise.

Qabeenya guddaa hawwata tuurizimii godinichaa babal’isuufi addunyaaf beeksisuuf carraaqqiiwwan adda addaa taasifamaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Roobdaa Jaarsoo eeraniiru.

Baatiwwan salgan dabranitti tuuristoonni biyya keessaafi alaa Kumni 43 fi 452  iddoowwan hawwata tuurizimii godinichaa daaw’achuu isaanii himaniiru.

Dameelee tuurizimii adda addaa irraa Birrii Miliyoonni 67 ol argamuu fi yaa’iinsa tuuristootaa irratti namoota kuma 1 fi 700 oliif carraan hojii ibsaniiru.

Gara fuulduraattis xiyyeefannaa mootummaan damee tuurizmiif kenneen  iddoolee hawwata tuurizimii  godinichaa baratamaniin ala iddoowwan hawwata tuurizimii biroo beeksisuufi babal’isuun galii damicharraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjatan ta’uu eeraniiru.

Yaa’iinsa tuurizimii godinichaarratti dhimmoota hudhaa ta’an adda baasuun bu’uraalee misoomaafi haala mijataa uumuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon kan hojjatan ta’uu dubbataniru.

Waajjira Kominikeeshinii Godina Baaleetu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.