Fana: At a Speed of Life!

Mariin carraa leenjii ogummaa fi bobbii hojii biyya alaa bal’isuu dandeessisu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil marii carraa leenjii ogummaa fi bobbii hojii biyya alaa bal’isuu dandeessisu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Aadde Muufaariyaat ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Konfiransii Hojii Idil Addunyaa Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii hariiroo gamlamee fi gama maraa cimsanii itti fufsiisuun haala danda’amurratti gaggeessuu ibsaniiru.

Ministira Ministeera Hojii Kuwaataar waliin carraa leenjii ogummaa fi hojii uumuurratti hariiroo biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu eeraniiru.

Dabalataanis Waltajjii Eeshiyaa-Afrikaa mootummaan Kuwaataar yeroo dhiyootti gaggeessurratti biyyoota Afrikaa filataman 10 keessaa Ityoophiyaan tokko ta’uu fi waltajjicharratti biyyoota naannawichaa qindeessuun akka hirmaattuuf affeeramuu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.