Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Mana Jireenyaa furuuf filannoowwan garaagaraa barbaadamaa jiraachuu eerame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Rakkoo Mana Jireenyaa furuuf filannoowwan garaagaraa barbaadamaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministirri Ministeera Magaalaa Fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin,raawwii hojii karoora bara 2014 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeesaniiru.

Ministeerichi rakkoo manneen jireenyaa furuuf filannoowwan garaagaraa barbaadaa jiraachuu Aadde Caaltuun eeraniiru.

Keessumaa seektara dhuunfaaf haalota mijeessuun, dameen dhuunfaa manneen ijaaruun ga’eesaa akka ba’atuu fi lammiilee fayyadamoo taasisuuf tarsiimoon ba’uu kaasaniiru.

Manneen wayita ijaaraman bu’uuraalee misoomaa barbaachisan duukaa ijaaruuf mootummaan ga’eesaa ba’achuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Waraanaan booda magaalota miidhaman deebisanii dhaabuuf tattaaffii taasifameen daandiiwwan Gaashanaa fi Kombolchaa hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.