Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan 3 darbanitti dhaabbileen siiviilii hawaasaa kumni 2 fi 50 hundaa’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Waggoottan 3 darban qofaatti dhaabbileen siiviilii hawaasaa kumni 2 fi 50 hundaa’uu Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa beeksise.

Abbaan Tayitichaa ibsa guyyaa har’aa lateen, jijjiiramaan duraa fi booda waliigala dhaabbileen siiviilii hawaasaa kumni 4 galmaa’uun hojiirra jiraachuu ibseera.

Dhaabbatichi labsii haaraan hojii erga eegalee mirga gurmaa’uu uummataa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuurratti hojii bal’aa hojjechuu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Jimaa Dilboo eeraniiru.

Hojimaatilee ammayyeessuun ijaarsa dhaabbataa, humna namaa qindeessuu fi aadaa hojii tola ooltummaa cimsuurratti hojii bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Layikuun Alamtu gabaase.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.