Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuf galma qabame milkeessuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee itti fufa-Mana Maree Tika Biyyaalessaa

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Hojiilee nageenya mirkaneessuu jalqabameen seera kabachiisuu dabalataan Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruuf galma qabame milkeessuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uu Manni Maree Tika Biyyaalessaa beeksise.
Manni marichaa haala yeroo nageenyaa fi tika biyyaalessaarratti mari’achuun ibsa kenneera.
Ibsichis akka ittaanutti dhiyaateera.
Ji’a tokko dura, Ebla 14, 2014, Manni Maree Tika Biyyaalessaa haala nageenya biyyaalessaa gamaaggamuun isaa ni yaadatama.
Gamaaggamni kun haala gareewwan shororkeessitootaa kanneen akka Al Shabaab, Shanee fi Juntaa ilaaleera.
Qormaata kontirobaandii, gareewwan hidhatan, miidiyaalee fi gareewwan fiinxaaleyyii siyaasaa fi miidiyaalee, fiinxaaleyyii amantii fi namoota dhuunfaa, malaanmaltoonni dhiibbaa biyyarraan ga’an ilaalleera.
Caasaan mootummaarrattis rakkoon qulqullummaa fi hanqinni kutannoo akka mul’atu gamaaggameera.
Shira diinota keenya keessaafi alaa, lola bakka bu’umsaan gaggeeffamaa jiruus gadi fageenyaan qorateera.
Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walga’ii baatii Eblaa taa’een balaa qormaatni kunneen biyyattii fi ummata isheerraan ga’u xiinxaleera.
Yaaddoon nageenya hawaasaa fi tasgabbii dhabamuu biyyaalessaa babal’achuu; ummanni mootummaarraa amantaa akka dhabu, sababa finxaaleyyii amantaa fi sabummaan tokkummaa biyyaa diiguuf hojjetamaa jiraachuu, humnoonni seeraan ala hidhatan baay’achuu fi cimuun sochii dinagdee irratti qormaata ta’uu;
Gareen seeraan ala mirga namoomaa fi hawaasummaa sarbaa jiraachuu; waliigalaan seera dhabdummaan akka babal’atu haala mijaawaa uumuufiin kunis, diinota keenya alaatiif carraa uumame kana yeroon yoo hinfuramne biyyattii gara kufaatii hammaataatti kan geessuu ta’uu walga’ii baatii Eblaa gaggeeffameen gamaaggamuun kan yaadatamuudha.
Namoota rakkoolee fi qorumsa uumaan callisaa fi obsaan ilaaluun sarara diimaa akka qaxxaamuran taasisuu itti amanamee ture.
Mootumman gara bal’inaan ilaaluu isaa akka dadhabinaatti ilaalamuu manni marichaa mirkaneesseera.
Uummanni mootummaan akka seera kabachiisuuf marii gaggeeffamuu fi karaa bakka bu’oota isaa gaafachaa turuu manni marichaa hubateera.
Rakkoolee jiran mariidhaan, gama jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaatiin dhimmicha furuuf carraaqqiin taasifame buʼaa argamsiiseera.
Qaamoleen muraasnis, seeraan socho’uuf murteessuu isaanii, gara dhaabbilee nageenyaatti makamuuf akka murteessan hubateera.
Namoonni tokko tokko murtoo gara nagaatti deebi’uu fudhatan walga’iin Eblaa kabajaan simachuun kan yaadatamuudha.
Mootummaan qaamolee carraa waamichaa nageenyaan taasifameefitti hinfayyadamnee fi gochaa seeraan alaarratti bobba’uurraa kanneen of hinqusannee Manni Maree Tika Biyyaalessaa walga’ii baatii Eblaatiin kallattiiwwan kaa’een gareewwan eeyyaaman alaa hidhaatanirratti hojiin olaantummaa seeraa kabajchiisuu akka hojjetamu, gochoonni seeraan alaa naannawaa garagaratti mul’atan hatattamaan akka sirratan, qaamolee aktiivistummaa, miidiyaa fi siyaasaa, walitti bu’iinsa qabsiisuuf socho’an, daandii seera qabeessa qofaa akka hordofan hojjechuu akka barbaachisu, caasaalee mootummaa qulqulleessuun, hooggansi gahee isaa kutannoo fi ittigaafatamaa mootummaa fi ummataan itti kenname akka bahatu kallattiin kaa’ame tureera.
Haaluma kanaan Mana Maree Tika Biyyaalessaan hojiileen gaggeeffaman Roobii, Waxabajjii 01, 2014 walga’ii taa’een gadii fageenyaan gamaaggameera.
Akka gamaaggamichaatti, adeemsi humnoota mootummaa aangoo seera qabeessaan qofummaan itti fayyadamuuf qaamoleen gatantaran, seera maleessummaa gara seera qabeessummaatti akka dhufan, hojiin seera qabsiisuu haala karoorfamee fi bu’a qabeessa ta’een adeemsifamaa jira.
Galmi gama kanaan kaa’ames milkaaʼaa jiraachuu manni marichaa eereera.
Hojiilee boonsaan Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru gareewwan Shanee barbadeessuun, gochaalee seeraan alaa dhabamsiisaa, naannoolee harka diinaa jala jiran deebisanii qabachuu, caasaa qulqulleessuu, ummata waliin mari’achuu fi sochoosuu keessatti hojiileen milkaa’ina qaban hojjetameera.
Miseensonni Shanee kumaatamaan lakkaa’aman ajjeefamuu, booji’amuu fi fedhii isaaniitiin harka kennachuu isaanii mirkanaa’eera.
Meeshaaleen waraanaa fi rasaasni guguddoo hedduun miseensota Shanee irraa booji’ameera.
Caasaa mootummaa qulqulleessuu fi hojiin hoggansa gahoomsuu haala gaariin gaggeeffameera.
Naannoo Amaarrattis hojiilee hojjetamaaniin hawaasni akka boqonnaa argatu ta’uu manni marichaa gamaaggameera.
Haaluma kanaan miseensota dhaabbilee nageenyaa ganan to’achuu, qaamolee yakkoota garagaraa hojjetan to’achuu, meeshaalee waraanaa faca’anii sodaa nageenyaa ta’an walitti qabuu, aktiivistoota hojii seeraan alaarratti bobba’an seera qabsiisuu, hawaasni qaama nageenyaa akka ta’uu mari’achiisuun gama hiriirsuutiin hojiilee foyya’oon hojjetamaniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuzittis hojiileen nageenya mirkaneessuu hojjetaman Manni Maree Tika Biyyaalessaa hojiilee jajjabeessaan akka hojjetaman gamaaggameera.
Hidhattoota seeraan alaa gama seera qabsiisuutiin, gochaalee seeraan alaa to’achuu, meeshaalee waraanaa seeraan alaa walitti qabuu, lammiilee buqqa’an qe’ee isaaniitti deebisuuf hojiileen hojjetaman jijjiirama olaanaa fidaniiru.
Kanumaan walqabatee, Naannoo Kibbaafi Gambeellaatti hidhattoota seera qabsiisuu, sochii kontirobaandii dhaabuu, walitti bu’iinsa hawaasa gidduuttii uumamu furuu, caasaa mootummaa gama qulqulleessuutiin hojiileen haaluma karoorfamaniin gaggeeffamuu mirkaneesseera.
Naannoo Somaalee fi naannawaa daangaa Oromiyaatti sochii hidhattoota Al Shabaab qindoomina humnoota nageenyaatiin fashalaa’uu Manni Maree Tika Biyyaalessaa ibseera.
Al-Shabaab, Juntaa fi Shanee waliin irra deddeebiin yaaliin hariiroo uummachuu isaanii ooppireeshinii qaamollee nageenyaatiin fashalaa’uun mirkanaa’eera.
Humnoonni badii gurraa miidiyaalee idil addunyaa argachuuf tattaafatanii Finfinneetti sochii nageenya booressuu gaggeessanis dhaabbilee tikaa fi nageenyaan fashalaa’eera.
Saamichaa fi yakkoota magaalaa keessaa irratti bobba’uun jiraattotta magaalaa kanneen rakkisaa turan hordofuun seeraaf dhiyeessuuf hojiileen hojjetamanis bu’aa qabatamaa fidaniiru.
Hojiileen eeraman hundinuus wareegama olaanaa fi kutannoo cimaan kan hojjetaman yoo ta’u, hojiilee kannee keessatti kan qooda fudhatan Mannii Maree Tika Biyyaalessaa ni galateeffata.
Jaallatamtoota lammiilee Ityoophiyaa;
Waa’ee nageenyaa fi tikaa dubbachaa qaamolee caasaa nageenyaan ala hidhatan akka fedhan akka ta’an eeyyamuun barbaachisa miti.
Biyya keessatti humna fayyadamuun mootumma qofaaf mirga kennameedha.
Lammiileen yeroo nagaatti misoomsitoota, gaafa waraanaa ammo loltoota ta’uun duraanis kan tureedha.
Kan jechuun biyyi wayiita weeraramtu biyya isaaf loltuu, biyyi nagaa oggaa taatuu ammo gara seeraa qabeessatti deebi’uu jechuudha.
Dabalataan, miidiyaadhaan, aktiivistummaan, garee siyaasaa fi maqaa sabummaatiin, biyya diiguuf kanneen socho’aniif mootummaan kan hinobsine ta’uu beekamuu qaba.
Dhaabbileen amantaa, giddugala hawaasa nagaa fi fayyaalessaa uumuu malee buufataa aktiivistoota biyyaa diiganii fi fiinxaaleyyii ta’uu eeyyamuu hinqaban.
Biyya keenyatti badiiwwan amantaarratti fuulleffatan itti fufiinsaan hir’isuun kan danda’amu, hundinuu dursa dhaabbata ofii keessa kanneen dhokatan qaamolee badii raawwatan da’annaa dhorkachuuni.
Kanaaf ammo, hordoftoonni amantaa fi abbootiin amantaa itti gaafatama qaban bahachuu qabu.
Walumaagalaatti, hojiin nageenya mirkaneessuu, seera kabachiisuu, badhaadhina Ityoophiyaa bu’uura jabaarratti ijaaruu fi milkeesuuf, hojiin olaantummaa seera kabachiisuu cimee kan itti fufuudha.
Ummanni Ityoophiyaa hundi qaamolee nageenyaa cina dhaabbachuun lammiileen gahee isaan irraa eegamu akka bahatan Manni Maree Tika Biyyaalessaa waamicha dhiyeessa.
Mana Maree Tika Biyyaalessaa
Waxabajjii 01, 2014
Finfinnee.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.