Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti mankuusaawwan nyaata beeyladaa 6 ijaaruuf karoorfameera jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti mankuusaawwan nyaata beeyladaa ja’a birri miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20’n ijaaruuf karoorfamuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera.
Biiroon Qonna Oromiyaatti Hogganaan Damee Misooma Beeyladaa Obbo Toleeraa Dabalaa, hanqinni nyaata beeyladaa naannicha keessatti akka hinmudanneef godinaalee gammoojjii keessatti lafa hektaara kuma 60 irraatti omishni nyaata beeyladaa jalqabamu dubbataniiru.
Nyaanni beeyldaa kunis yeroo hongeen mudatetti of eggannoof kan ooluudha jedhan.
Nyaanni beeyladaa akka hinmancaaneef mankuusaawwan ja’a akka ijaaraman eeraniiru.
Oomisha nyataa beeyladaa irraattis xiyyeeffannoon akka hojjetamu ta’uu eeranii, hojiin kunis godinaalee Oromiyaa saddeet keessaatti jalqabameera jedhan.
Beeylada baay’ina isaa lakkaa’uurra, teeknooloojiin deeggaramuun oomishi nyaata beeylaadaa eegaluuf ta’uu ibsaniiru.
Miidhaksaa Qachaatu gabaase
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.