Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni dhaabbilee akka ardii fi addunyaatti hojjetan keessatti hoggantoota akka ta’an hojjechuu barbaachisa-Preezdaanti Saahilewarqi Zawudee

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilewarqi Zawudee haaraa kan muudaman Hoji Gaggeessituu Dhaabbata Misoomaa Gamtaa Afriikaa Awudaa Neeppaad Aadde Naardoos Baqqalaa waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Preezdaanti Saahilewarqi akka jedhanitti, Aadde Naardoos akka dhaabbatichaatti dubartii jalqabaaf hooggansatti dhufaan ta’uutti akka biyyaatti kan boonanii fi gammachuu itti dhaga’amee ibsaniiru.
Yeroon ammaa qormaataa kan heddummatu waan ta’eef, dhaabbanni isaanii gahee isaa akka bahatuuf, hooggansa barbaachisaa akka kennan amantaa qaban ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa dhaabbilee akka ardii fi addunyatti hojjetan keessatti bakka hooggansaa akka qabaatan hojjechuu barbaachisas jedhaniiru.
Awuda Neeppaad dhaabbata biyyootaa 55 hammate addunyaarraa dhaabbata misoomaa tokkichaa ta’uun eerameera.
Aadde Naardoos baatii Amajjii darbee yaa’ii Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamerratti muudamuu isaanii ragaan waajjira Preezdaantii Ityoophiyaarraa argamee ni mul’isa.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.