Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 22ffaan jalqabame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Mooriishiyeetitti kan gaggeeffamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 22ffaan har’a eegaleera.
Shaampiyoonaa atileetiksii kanarratti Ityoophiyaan atileetota dhiiraa 26 fi dubartoota 28 waliigalaan atileetota 54 kan hirmaachistudha jedhameera.
Fiigicha meetira 100 dubartootaan Raaheel Tasfaayee, Ye’absiraa Jaarsoo, meetira 400 dubartootaan Tsiggee Dhugumaa, Amaarech Zagoonaa, Misgaanaa Haayiluu, meetira 400 dhiiraan Yoobsan Birruu fi Yohaannis Tafarraa akkasumaas meetira 100 dhiirotaan Loochoo Kiyoongaa Ityoophiyaarraa kan hirmaataniidha.
Ityoophiyaan dorgommiiwwan atileetiksii 35 oliin akka hirmaattu ragaan Federeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni 636 biyyoota Afrikaa 42 irraa ni hirmaatu jedhamee eeggama.
Shaampiyoonaan atileetiksii kun weerara vaayiraasii koronaa booda yeroo jalqabaaf gaggeeffama.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.