Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa biyyoota yaa’ichaa hunda fayyadamtoota akka taasisu kan amantu ta’uu Taanzaaniyaan ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Taanzaaniyaan Hidhi Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa biyyoota yaa’ichaa hunda fayyadamtoota akka taasisu kan amantu ta’uu Preezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu dubbatan.
Taanyaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo xalayaa muudamaa isaanii Preezdaantii Taanzaaniyaaf dhiyeessaniiru.
Wayita xalayaa muudamaa isaanii dhiyeessanitti hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraa fi fuulduratti dameewwan walta’iinsaa isaanii irratti Preezdaantii biyyattii waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Shibbiruun, Ityoophiyaan haala yeroo keessa jirtuu fi tarkaanfiiwwan mootummaan fudhataa jiru akkasumaas waa’ee Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa irratti ibsa preezdaantittiif kennaniiru.
Dhimma lammiileeItyoophiyaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti haala rakkisaa keessa jiranirratti mari’achuun hidhamtoonni kunneen gadi dhiifamanii gara biyyaatti akka deebi’an gaafataniiru.
Preezdaantii Saamiyaa Suluhuu gama isaaniin, haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa ambaasaaddarichi taasisaniif galateeffatanii, rakkoo biyyattii mudate furuuf tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru dinqisiifataniiru.
Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisees, hidhichi proojektii biyyoota yaa’icha hunda fayyadamtoota taasisuudha jedhaniiru.
Dhimma lafa Embaasii Taanzaaniyaa Finfinneetti argamus dhiyeenyatti furuuf murtee mootummaan dabarse dinqisiifachuun, hariiroon biyyoota lameenii cimee akka itti fufuu himaniiru.
Lammiilee mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti argamanis gadi dhiifamanii gara biyya isaaniitti akka deebi’an gochuuf mootummaan isaanii murtee qajeelaa akka kennu mirkaneessaniiru.
Dabalataan, lammiileen Taanzaaniyaa Ityoophiyatti leenjii aviyeeshinii fudhataa akka jiran ibsanii, Ityoophiyaan madda ogummaa biyyoota Afrikaaf fakkeenyaa waan taateef, Daandii Qilleensa Ityoophiyaaf dinqisiifannaa qaban ibsuu ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.