Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa hospitaalaa Poolisii Harar BirriI biiliyoona 1 oliin babal’isuufi

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Poolisii Federaalaa hospitaalaa Poolisii Harar Birrii biiliyoona 1 oliin  babal’isuuf Intarpiraayizii Ijaarsa Raayyaa Ittisaa Waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigalticha Ajajaa Olaanaan Raayyaa Poolisii Federaalaa Komishinar  Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’elii fi hoji gaggeesaan Intarpiraayizii Ijaarsaa Raayyaa Ittisaa Injinar Salamoon Dammaqaa mallatteessaniiru.

Proojektiin babal’isa kun raayyaa ittisaa kutaa biyyattii bahaa, Poolisii federaalaa, Poolisii Oromiyaa, Poolisii Dirree Dhawaa, Poolisii Hararii, Poolisii Somaalee fi maatii raayyaa ittisaa akkasumas hawaasni naannawichaaf tajaajila akka argatuuf ta’uu  Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el saganticharratti ibsaniiru.

Injinar Salamoon gama isaaniin, proojektichi saffisaan, qulqullinaa fi yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Koomishinii Poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.