Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi lammiilee naannoo Afaar qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasise

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Geejjibaa Galaanarraa  fi Loojistikii Ityoophiyaa lammiilee naannoo Afaar weerara garee ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasiseera.

Dabalataanis dhaabbatichi deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu kan taasise yoo ta’u, deeggarsicha hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Roobaa Magarsaa hogganaa Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee naannichaa obbo Ahimad Mahaammaditti laataniiru.

Deeggarsi dhaabbatichi naannichatti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif taasisu cimee kan itti fufu ta’uu Obbo Roobaa Magarsaan ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.