Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa Kaampii Leenjii Shanee barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa  godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti Kaampii Leenjii Shanee barbadeessuu Koloneel Makonnin Tsaggaayee ibsaniiru.

Hojii  Eebila 17 irraa eegalee hojjetameen Kaampiin Liinjii Shanee godina Matakkal aanaa Dibaaxii bakka Bonfoo jedhamuun beekamutti argamu barbadeessuun, misensota garichaa 43 irratti tarkaanfii fudhachuu fi miseensonni garichaa 60 karaa nagaa harka laachuu eeraniiru.

Meeshaalee garichi itti fayyadamaa turan 184, boqqolloo kuntaalli 300 ol, Akuraa Atarri kuntaalli 16, soolaariin 2, miizaanni/ madaalli midhaanii 2 fi baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 2 to’atamuu Koloneel Mokonnin ibsaniiru.

Horiin gaanfaa  47 fi re’oota 60 garichi hawaasa jalaa saame deebisuun danda’amuu kaasaniiru.

Gandoonni Diibaaxii fi Bulan waggoottan sadiif to’annoo garichaa jala turan 4 bilisa ba’uu eeruu isanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.