Ityoophiyaatti afaanota baduurratti argaman dagaagsuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti afaanota baduurratti argaman addaa baasuun akka hinbanneef hojiin dagaagsuu gaggeeffamaa jiraachuu Akkaadamiin Afaanotaa fi Aadaalee Ityoophiyaa beeksise.
Akkaadaamichi waggaa 50ffaa hundeeffama isaa yunivarsitii Finfinneeetti kabajeera.
Daayrektarri akkaadaamichaa, Dooktar Yohaannis Adgee, akkaadaamichi afaanotaa Ityoophiyaa keessaa akka dagagganiif, hojilee qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun dhalootatti akka darban taasisaa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ulaagaa kaa’een, afaanonni biyyattii keessaa baduurratti argaman adda ba’aniiru jedhan.
Haaluma kanaan sirna barreeffamaa kanneen hinqabne qorannoorratti hundaa’uun akkataa amalaa isaaniitiin, sirna qubeessuu Laatiinii fi Gi’iizii qopheeffamaa jiras jedhaniiru.
Afaanota dubbattoota gadaanaa qaban dabalatee galmee jechootaa qopheessuun afaan dhalootaarra darbee barnoota ittiin barsiisuuf akka oolan gochuu keessatti akkaadaamichi gahee isaa bahachaa jira jedhaniiru.
Kana malees, afaanonni kunneen akka hinbanneef barreeffamaa fi tooftaalee afaan ittiin dagagsan biroon akka gabbatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Preezdaantiin Yuunivarsitii Finfinnee, Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaa, aadaalee fi afaanota dagaagsuun faayidaa tajaajila hawaasummaaf qaban guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.