Ityoophiyaatti afaanota 53’f sirni barreeffamaa qophaa’ee sirna baruu fi barsiisuuf ooleera-Ministeera Aadaa fi Ispoortii
Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti afaanota 53’f sirni barreeffamaa qophaa’ee sirna baruu fi barsiisuuf hojiirra ooluu isaanii Ministeerri Aadaa fi Ispoortii ibse.
Yaa’iin turjumaanummaa biyyaalessaa 2ffaan Yuunivarsiitii Saayinsiifii Teekinooloojii Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.
De’eetaan Ministiraa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruu, afaanota Ityoophiyaatti argaman 80 ol keessaa 53’f sirni barreeffama afaanotaa qophaa’uun, tajaajila barnootaaf akka hojiirraa oolan ta’uu himaniiru.
Waggoota lamaan dura imaammata afaanii ragga’e bu’uureffachuun, ogummaa turjumaanaa guddisuuf hojiileen caaseffama dhaabbataa gaggeeffamaa tureera jedhan.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Ministeera Barnootaa fi dhaabbilee barnootaa olaanoo waliin ta’uun waggoottan darban dhimmicha irratti qo’annoo gaggeessaa turuu himaniiru.
Argannoo qo’annichaan ogummaa turjumaanaa cimsuuf, damechaan humna nama baratee horachuuf kan dandeessisu sirni barnootaa ka’umsa ta’u qophaa’uuu eeran.
Yaa’ichis faayidaa ogummaan turjumaanaa tokkummaa fi waliigaltee biyyaalesssaaf qabuu fi imaammataa afaaniif kan oolu galtee walitti qabuuf kan qophaa’eedha jedhameera.
Fuulduratti, misooma afaanotaa, ogummaa turjumaanaa cimsuun dhimmootaa xiyyeeffannoon irratti hojjetaman ta’uun eerameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.